1Ee Mootii Waan Maraa,daadimata kiyya dhage'i;gurri keeti iyya tiyya caqasuu ti;addatamumma'aa fi balchummaa teetiindeebii naaf kenni.2Si duratti nami balchaan waan hin jirreef,ana tajaajilaa keeti mura'atti hin dhikeessin.3Diinni kiyya na ari'iisatti jira;lafatti na butuchee,akka worra bara dheera'aan dura du'ee,dukkana keessa akka tee'u na godhe.4Maarre ani addii kutatiisa geyeera;gadhaa kiyya keessatti sodaadheera.5Waan bara durii te'e hin qaabadha;waan ati goote maraitti deddeebi'ee hin yaada;waan harki keeti huje hin herrega.6Ani harka kiyya gara keeti badhisa;akka lafa goddee,lubbuun tiyya si dheebotti.7Ee Mootii Waan Maraa,ani addii kutatiisa geyeera;ariifadhuu deebii naa kenni;yookiin ani akka worragara boollaa gad bu'uu hin te'a;fuula keeti na duraa hin dhoffatin.8Ani waan si addadhuuf,ganama ganama bari'iinjaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,karaa ani irra deemu'uu male na barsiisi.9Ani gara keeti waan baqadheef,Ee Mootii Waan Maraa,diinota kiyya jalaa na baasi.10Ati Waaqa kiyya waan teeteef,fedhii teeti akka muummessu na barsiisi.Ayyaanni keeti dansaandaandii qajeelaa irra na sooressuu ti.11Ee Mootii Waan Maraa,maqaa keetiif jedhiitii,lubbuu tiyya jiraachisi;balchummaa teetiinrakkinna keessaa na baasi.12Jaalala keeti ka bara baraatiin,diinota kiyya fixi;ani tajaajilaa keeti waan te'eef,nyaaphota na rakkisu mara balleessi.