Faarfannaa142gaz_bib
Maaskiilii Daawit
1Ani gara Waaqayyotti nan iyya;sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo durattiwaammata koo nan dhiʼeeffadha.2Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.3Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,situ karaa koo beeka.Namoonni daandii ani deemu irra,kiyyoo naa kaaʼaniiru.4Gara mirga koo ilaali; argis;namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.5Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha;“Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.6Ani abdii kutadheeraatii,kadhannaa koo naa dhagaʼi;warra na ariʼatan jalaa na baasi;isaan akka malee natti cimaniiruutii.7Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.Sababii ati waan gaarii naa gooteef,qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.