Kitaaba Faaru'uu142gax_twf

Miidhaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata.

1Ani qoonqoo ol qabadhee,gara Mootii Waan Maraa iyya;marartii dhaggatiisaafMootii Waan Maraa gaafadha.2Komii tiyya maraisa duratti dhangalaasa;rakkinna kiyyalleisa duratti himadha.3Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,gara ani ideemaaru ati hin beetta.Daandii ani irra ideemu keessa,isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.4Adaala kiyya ilaalii dhaggi;nami naaf yaadatu hin jiru;addeen ani itti baqadhu hin jirtu;nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.
5Ee Mootii Waan Maraa,ani gara keeti iyya;ani, «Ati ka ani itti baqadhu;lafa worra jiraata'aa tana keessattiati qooda kiyya» jedha.6Ani waan qarqaarsa hin qanneef,iyya tiyya naaf caqasi;worri na miidhuguddoo waan natti jabaataneef,ati isaan jalaa na baasi.7Maqaa keeti akka leellifadhu,hidhaa keessaa na baasi.Ati waan dansaa waan naa gooteef,worri balchaan na hin marsan.