Kitaaba Faaru'uu14gax_twf

Hammeenna Namaa

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti,«Waaqi hin jiru» jedhan.Isaan worra bada'a;waan gadhee hujan;isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.2Worri qarooleen Waaqa barbaaduyoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraaol-gubbaa irraagara ilmaan namaa gad ilaala.3Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee,martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran.Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;tokkolle hin jiru.
4Mootiin Waan Maraa,«Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?Akkuma nami sagalee nyaatuworri kolbaa tiyya nyaatu,isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha.5Mootiin Waan Maraaworra balchoota woliin waan jiruuf,worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran.6Isin hamaaleyyiinkaroora worra gad aana'aa hin gufachiittan;Mootiin Waan Maraa ammooisaaniif addee isaan itti baqatanu.7Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiifadoo dhufee jiraatee!Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu,sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi;kolbaan Israa'elii hin gammaddi.