Kitaaba Faaru'uu139gax_twf

Waaqa Waan Mara Beeku

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Mootii Waan Maraa,ati qorqortee na beetteerta.2Ati teessoo tiyyaa fi ka'a tiyya hin beetta;yaada kiyya fago'ottuu hubatta.3Addee ani deemu fi itti foorfadhuhubattee beetta;ati hujii tiyya mara hin beetta.4Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin,ee Mootii Waan Maraa,ati dubbii san maraayyuu hin beetta.5Ati duraa fi duuba kiyyaharka keeti ana irra qaddeerta.6Beekkumsi akkasii akka malee naaf baasa;akka malee hubantii tiyyaan ol.
7Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande'a?Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande'a?8Gara ol-gubba'aa yoo ol baye, ati achi jiraata;addee worri du'e jiru keessa yoo irkadhelle,ati achi jirta.9Ani koola baasee akka dayya'a boru'uu ka'ee,gara seensuma adu'uutitti yoo qubadhe,10silaa achille'etti harki keeti na hin sooressa;harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu.11Ani, «Dukkanti dhugumaan na hin golliti;ifi adaala kiyyaallehalkan hin te'a!» yoo jedhe,12dukkantinuu sitti hin dukkanoottu;si'iif dukkanti akka ifaa waan teeteef,halkan akka guyya'aa ifa.
13Keessa namummaa tiyyaa ka dade si'i;gadaamessa haadha tiyyaa keessattisittuu na dade.14Ani baasa maso'oo te'ee waan dadameef,ani si leellisa;hujiin teeti waan maade'ee ti;anille tana miidhassee beeka.15Ani yennaa addee dhossa'aatitti dadame,qilee gadaamessaa keessatti dadame;lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.16Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,adoo ani dhiigaatuu,ilti teeti na dhaggite;dhaladhee barri jiruu tiyyaalaakkowamiisa adoo hin jalqabin,guyyooti naaf yaadamane martikitaaba keeti keessatti barreeffamane.17Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaafattam attam natti ulfaata!Guutumatti attam attam bacata!18Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane,maansa caala hin bacata;ani yennaa dammaqu,ammalle sima woliin jira.
19Ee Waaqa, nama hamaa adoo ijjeettee!Isin worri dhiiga namaa dhangalaasuna irraa fagaadha'a!20Isaan hammeennaanmarroo teeti dubbatan;diinoti keeti akkasumaanmaqaa keeti kaasan.21Ee Mootii Waan Maraa,ani worra si jibbu hin jibba;worra si irratti ka'ulle ani hin diqadha.22Ani ijjumaa isaan jibba;isaan diinota natti te'aneeran.
23Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki;haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.24Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali!Karaa bara baraa irra na sooressi.