Kitaaba Faaru'uu
138
/
gax_twf
Faaruu Galataa
Faaruu Daawitii
1
Ee Mootii Waan Maraa,
ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;
waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa.
2
Ani gara Galma keeti woyyichaa
fuula galee sagada;
jaalala keeti ka bara baraatii fi
addatamummaa keetiifille,
maqaa keetii fi jecha keeti
waan mara caalaa waan saaddeef,
ani maqaa keeti leellisa.
3
Yennaa ani si waame,
ati deebii naaf kennite;
ati na jabeessitee,
lubbuun tiyya hunna horatte.
4
Ee Mootii Waan Maraa,
jecha afaan keetii yennaa dhage'ane,
moototi lafaa martinuu si leellisan.
5
Ulfinni Mootii Waan Maraa
guddaa waan te'eef,
isaan marroo karaa isaa hin faarfatan.
6
Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle,
inni worra gad aanaa hin ilaala;
worra kooru ammoo fago'otti beeka.
7
Ani rakkinna keessa yoo ideemelle,
ati jiruu tiyya hin eedda;
ati harka keeti diriirsitee,
mufii diinota kiyyaa mormita;
harka keeti middichaan na hin baacha.
8
Mootii Waan Maraa,
ati yaada keeti mara
naaf hin muummessita;
ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa ti;
hujii harka keetii ati hin lakkisin.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter