Kitaaba Faaru'uu
137
/
gax_twf
Gadda Israa'elootaa Ka Boojuu Keessaa
1
Nuuti laga Baabilonii bira teennee,
yennaa Xiyoon qaabanne boonne.
2
Muka olaati'ii irratti
kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.
3
Worri booji'ee nu farrisiisu,
achitti faaruu isaan gammachiittu
akka faarsinu nu gaafatanee,
«Faaruu marroo Xiyoonii keessaa
takkattii faarsa'a» jedhane.
4
Lafa ormaa keessatti,
nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa
faarsuu dandeenna ree?
5
Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe,
harki kiyya middichi
ogummaa ifii dedhuu ti.
6
Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin,
waan itti gammadu mara
yoo si hin caalchisin,
arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.
7
Ee Mootii Waan Maraa,
guyyaa Yerusaalem diigante,
worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a!
Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!»
attam akka isaan jedhane qaabadhu.
8
Ee Baabilonii diigantu!
Waan ati nu irratti goote,
ka deebisee si irratti godhu ka gammade.
9
Ka daa'immaan teeti qabee,
rassaa irratti macalaasu ka gammade.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter