1Mootiin Waan Maraadansaa waan te'eef,isa galateeffadha'a;jaalalli isa ka bara baraa ti.2Waaqa waaqotaa galateeffadha'a;jaalalli isaa ka bara baraa ti.3Goottaa goottotaa galateeffadha'a;jaalalli isaa ka bara baraa ti.4Ka qofuu baasa guddaa huju,jaalalli isaa ka bara baraa ti.5Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade,jaalalli isaa ka bara baraa ti.6Ka lafa bisaan gubbaa diriirse,jaalalli isaa ka bara baraa ti.7Ka ifa gugurdaa huje,jaalalli isaahaga bara baraa jiraata.8Ka aduun guyyaabaallii akka qabaattu godhe,jaalalli isaa ka bara baraa ti.9Ka Ji'aa fi urjootihalkan akka baallii qabaatanu godhe,jaalalli isaa ka bara baraa ti.10Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese,jaalalli isaa ka bara baraa ti.11Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase,jaalalli isaa ka bara baraa ti.12Ka hunna ifii guddo'oo fijabeenna ifiitiin tana godhe,jaalalli isaa ka bara baraa ti.13Ka abbaayaa diintuu gargar kute,jaalalli isaa ka bara baraa ti.14Ka kolbaan Israa'eliiodduu isi'ii akka dabartu godhe,jaalalli isaa ka bara baraa ti.15Fara'oonii fi loltoota isaa ammooabbaayaa diintuu keessatti ka fixe;jaalalli isaa ka bara baraa ti.16Ka goomolee keessakolbaa ifii sooresse,jaalalli isaa ka bara baraa ti.17Ka mootota gugurdoo ijjeese,jaalalli isaa ka bara baraa ti.18Ka mootota hunnaameyyii ijjeese,jaalalli isaa ka bara baraa ti.19Ka mootii worra Amoorotaa,Sihoon ijjeese,jaalalli isaa ka bara baraa ti.20Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese,jaalalli isaa ka bara baraa ti.21Ka lafa isaaniidhaala godhee Israa'elootaaf kenne,jaalalli isaa ka bara baraa ti.22Israa'elootatajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise,jaalalli isaa ka bara baraa ti.23Ka injifatama keenna keessattinu qaabate,jaalalli isaa ka bara baraa ti.24Ka diinota keenna jalaa nu baase,jaalalli isaa ka bara baraa ti.25Ka dada maraaf sagalee kennu,jaalalli isaa ka bara baraa ti.26Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a;jaalalli isaa ka bara baraa ti.