Kitaaba Faaru'uu135gax_twf

Faaruu Leellisaa

1Mootii Waan Maraa leellisa'a!Maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a;ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,isa leellisa'a!2Isin worrimana Mootii Waan Maraa keessaa fibadhinna mana Waaqa keennaakeessa tajaajiltanu isa leellisa'a.3Mootiin Waan Maraadansaa waan te'eef,isa leellisa'a!Maqaan isaa gammachiisaa waan te'eef,faaru'uun leellisa'a!4Mootiin Waan Maraa Yaaqoob ifiif,Israa'el qabeenna ifiika addaa godhee filateera.
5Mootiin Waan Maraa guddaa akka te'e,Goottaan keennawaaqota mara akka caalu ani hin beeka.6Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti,abbaaya'aa fi qilee isi'ii mara keessatti,Mootiin Waan Maraawaan fedhe mara godha.7Inni duumensa qaccee lafaatii kaasee fida;bokkeya woliin balaqqeettii,mana kuusaa ifii keessaa qilleensa fida.8Inni angafa ilmaan namaatii fi hori'iika biyya Gibxi'ii fixe.9Ee biyya Gibxi'ii, inni si keessattiFara'oonii fi tajaajiltoota isaa mara irratti,bilbaasaa fi waan maade'ee huje.10Inni gosa biyya adda addaahedduu gad dhowee,mootota hunnaameyyii,11mootii Amoorotaa Sihoon,mootii biyya Baashaanii Oog,mootummoota Kana'aanii mara ijjeese.12Lafa isaaniille akka dhaalaatitti,kolbaa ifii Israa'eliif dhaala kenne.
13Ee Mootii Waan Maraa,maqaan keeti haga bara baraa jiraata;Ee Mootii Waan Maraa,dhaloota mara keessatti hin qaabatanta.14Mootiin Waan Maraakolbaa ifiitiif muraa hin kenna;tajaajiltoota ifiitiifille marartii hin qaba.15Waaqoti dharaaka gosa biyya adda addaa worqi'ii fi meetii,harka namaatiin hujamane.16Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu;ila qaban malee, hin dhagganu.17Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu;afaan isaanii keessalle hafuurri hin jiru.18Worri isaan hujuu fiisaanitti dhugeeffatu martinuu,akkuma isaanii jiran.
19Ee kolbaa Israa'elii,Mootii Waan Maraa leellisa'a!Ee hayyoota sanyii Aaronii,Mootii Waan Maraa leellisa'a!20Sanyii Lewwootaa,Mootii Waan Maraa leellisa'a!Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,Mootii Waan Maraa leellisa'a!21Mootiin Waan Maraaka Yerusaalem keessa le'u,Xiyoon keessatti leellifamuu ti!Mootii Waan Maraa leellisa'a.