Kitaaba Faaru'uu134gax_twf

Waaqa Leellisa'a

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Isin tajaajiltooti Mootii Waan Maraa marti,worri halkanGalma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltanu,Mootii Waan Maraa leellisa'a!2Addee Woyyittii keessattiharka keessan ol kaasa'aa,Mootii Waan Maraa leellisa'a!
3Mootiin Waan Maraaol-gubba'aa fi lafa dade,Xiyoon keessaa isin eebbisu ti!