Faarfannaa133gaz_bib

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
2Kun akka zayitii gatii guddaakan mataa irratti dhangalaafamee,akka isa areeda irra gad yaaʼuu,areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.3Innis akkuma fixeensa Hermoon,kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa,jireenyas ajajeeraatii.