Faarfannaa132gaz_bib
Faarfannaa ol baʼuu.
1Yaa Waaqayyo, Daawitii firakkina inni obse hundumaa yaadadhu.2Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakateeWaaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:3“Ani mana koo ol hin seenu;yookaan siree kootti ol hin baʼu.4Ani ija kootiif hirriba,baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;5kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;Yaaʼaarittis isa arganne:7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.8‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,dibamaa kee hin gatin.11Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraattiteessoo kee irra ni taaʼu.”13Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.16Luboota isheetti fayyina nan uffisa;qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.18Diinota isaatti qaanii nan uffisa;gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”