Kitaaba Faaru'uu132gax_twf

Leellisa Galma Waaqaa

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Ee Mootii Waan Maraa,Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu.2Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee,Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee,3«Haga Mootii Waan Maraatiifaddee qopheessutti,Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiifhaga mana ijaarutti,mana kiyya hin seenu;yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu.Ani hin rafu;yookiin hin mugu» jedhe.
6Nuuti Efraata'attimarroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne;diida Yaa'ariititti isii dhaggine.7Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uudhandhaa!Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa.
8Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!Saanduqa Gondooro'ooka hunna teeti mudhisu woliin,gara addee foora keetii dhaqi.9Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti;Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti.
10Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii,nama muudde hin lakkisin.11Mootiin Waan Maraakakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane,Daawitiif kakatee,«Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha,ani barcumaa mootumma'aa keeti irrahin teessisa.12Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane,ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane,ilmaan isaaniille haga bara baraabarcumaa mootumma'aa keeti irrahin tee'an» jedheera.
13Mootiin Waan MaraaXiyoon waan filateef,qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera:14Inni, «Tun haga bara baraaaddee foora kiyyaa ti;ani waan isii jaaladheef,addee le'u isii hin godhadha.15Waan nyaataatiinbaceessee isii hin eebbisa;hiyyeeyyii isi'iisagalee hin quussa.16Hayyoota isi'iifayyinna itti hin uffisa;addatantooti isi'iilleilillisaa hin faarsan.17Maatii Daawitii keessaamootii hin muuda;ka muude saniif akka inni bulchukaraa hin qopheessa.18Diinota isaa qaanii itti hin uffisa;kallachi isa irraa ammoohin balaqqisa» jedheera.