Faarfannaa131gaz_bib
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju;iji koos of hin tuulu;ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.2Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras;akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana,akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.3Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf,Waaqayyoon abdadhu.