Gad Ifi Qabanee Waaqatti Addatiisa
Faaruu Daawitii, Ta Ittiin Ol Bayanu
1Ee Mootii Waan Maraa,gadhaan kiyya hin kooru;mataa hin dhaabu;waan gugurdoo,yookiin waan baasaa hin huju.2Akka annuu harma irraa guuteehaadha woliin jirtuu,ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise;akka annuu harma irraa guutee,lubbuun tiyya na keessatti cadhitte.3Ee kolbaa Israa'elii,ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti,Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu.