Faarfannaa130gaz_bib

Faarfannaa ol baʼuu.

1Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaasitti nan iyyadha;2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.Gurri kees sagalee waammata kooxiyyeeffatee haa dhagaʼu.
3Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee,yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?4Garuu dhiifamni si bira jira;kanaaf ati ni sodaatamta.
5Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;dubbii isaas nan abdadha.6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaalubbuun koo Gooftaa eeggatti.
7Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu;Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne,furiin guutuunis ni jiraatii.8Inni mataan isaa cubbuu isaaniihundumaa irraa Israaʼelin ni fura.