Kitaaba Faaru'uu
130
/
gax_twf
Faaruu Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaatte
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
1
Ee Mootii Waan Maan Maraa,
ani qilee keessaa gara keeti iyya;
2
Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i!
Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.
3
Ee Mootii Waan Maraa,
ati adoo yakkaa namatti laakkottee,
ee Gootta'a silaa eennutti
si dura dhaabbatuu dande'a?
4
Ammoo akka nuuti si sodaannuuf,
ati nu'uuf araaranta.
5
Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi'iin jecha isaa eegadha.
6
Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa,
lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
7
Jaalalli bara baraa
Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf,
wodiisaaf hunni guddoolle
isa bira waan jirtuuf,
ee Israa'el, Mootii Waan Maraatitti
addii godhadhu.
8
Inni yakkaa isi'ii mara irraa
Israa'el hin woda.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter