Kitaaba Faaru'uu
13
/
gax_twf
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1
Ee Mootii Waan Maraa,
ati haga yoomii na deeta?
Haga bara baraa tii?
Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta?
2
Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha?
Haga yoomii gadhaan kiyya
halkanii fi guyyaa gaddaan guutama?
Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan?
3
Ee Mootii Waan Maraa,
Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi.
Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi;
akka du'u na hin godhin.
4
Diinoti kiyya,
«Isa injifanne» jedhanee akka kooranu,
nyaapholeen kiyyalle
jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin.
5
Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera;
gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.
6
Mootiin Waan Maraa
waan dansaa waan naa godheef,
ani isaaf hin faarfadha.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter