Faarfannaa129gaz_bib
Faarfannaa ol baʼuu.
1Israaʼel akkana haa jedhu;“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;2isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;garuu na hin moʼanne.3Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;boʼoo isaaniis ni dheeressan.4Waaqayyo garuu qajeelaa dha;funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”5Warri Xiyoonin jibban hundinuu,qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.6Isaan akka marga bantii manaa irraakan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;7namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.8Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu;maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.