Kitaaba Faaru'uu129gax_twf

Daadimata Diinota Xiyoonii Irratti Dhikaate

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Kolbaan Israa'elii,«Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,diinoti guddoo na rakkisaneeran;
2«Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,guddoo na rakkisaneeran;te'uu malee na hin injifanne.3Akka nama fichaa qotuududda kiyya babbassanee,babadhisanee dudda kiyya madeessane.4Mootiin Waan Maraa ammoo balcha'a;inni wodaroo worra hama'aana irraa kuteera» jettuu ti.
5Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee,gara duubaa deebi'uu ti.6Akka marra mana irratti latee,adoo hin guddatin qooruu te'anuu ti;7marri sun qabaa harka nama isa haamuu,yookiin hanqafoo isaa hin guutu.8Worri achiin dabaru,«Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te'uu ti!Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiinisin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.