Faarfannaa128gaz_bib
Faarfannaa Ol Baʼuu.
1Warri Waaqayyoon sodaatan,kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.3Niitiin kee mana kee keessatti,akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,akka lataa muka ejersaa ni taʼu.4Namni Waaqayyoon sodaatuakkasitti eebbifama.5Bara jireenya keetii guutuu,Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu;atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.6ijoollee ijoollee keetii ni argi;nagaan Israaʼeliif haa taʼu.