Kitaaba Faaru'uu128gax_twf

Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,ka karaa isaa ideemu ka gammade.
2Waan harka keetiin elootteedhaggatte hin nyaatta;ati hin gammadda; hin milkoottalle'e.3Niitiin teeti mana keeti keessatti,akka muka woyni'iika midhaan buusuu hin teeti;ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,akka lattuu muka ejersaa hin teeti.4Nami Mootii Waan Maraa sodaatuakkana hin eebbifama.
5Mootiin Waan Maraagaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti;bara jiruu teetii mara,qananummaa Yerusaalemii dhaggi.6Ijoollee ijoollee teetii dhaggi;Nageenni Israa'eliif te'uu ti.