Faarfannaa126gaz_bib
Faarfannaa ol baʼuu.
1Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,nu akka warra abjuu abjootanii taane.2Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoofaarfannaa gammachuutiin guutame.Kana irratti saboota gidduutti,“Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.3Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe;nus ni gammanne.4Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb,boojuu keenya nuu deebisi.5Warri imimmaaniin facaasan,faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.6Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.