Kitaaba Faaru'uu126gax_twf

Faaruu Worra Boojuu Keessaa Deebi'ee

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1Yennaa Mootiin Waan Maraaboojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise,oojjuu nutti fakkaatte.2Afaan keenna kollaan,arrabi keenna ililleetti'iin guutame.Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti,«Mootiin Waan Maraawaan guddoo isaaniif tolche» jedhante.3Mootiin Waan Maraa,waan guddoo nuuf godheera;nuutille gammanne.4Ee Mootii Waan Maraa,Goomolee kibba Kana'aaniitiifakkuma bisaan deebittu,akka dur jirrutti nu deebisi.5Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane,ilillisaa haammatan.6Worri sanyii facaasiisaaf,ba'atanee bowaa deemanu,laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an.