Faarfannaa125gaz_bib
Faarfannaa ol baʼuu.
1Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoonkan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.2Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti,saba isaa ni marsa.3Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuufharka isaanii ol hin diriirfanneef,bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaafixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.4Yaa Waaqayyo, warra gaariif,warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.5Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.