Wobii Kolbaa Waaqaa
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
1Worri Mootii Waan Maraatitti addatuakka gaara Xiyoonii,ka ijjumaa hin tachoone,ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti.2Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu,ammaa jalqabee haga bara baraa,Mootiin Waan Maraakolbaa ifii hin marsa.3Worri hamaanlafa worra balchoole'ee hin bulchanu;yoo bulchane,kolbaan balchaanwaan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti.4Ee Mootii Waan Maraa,worra dansaa te'eef,worra gadhaa ifii keessattiqajeelaa te'eefille dansaa godhi.5Ammoo, Mootiin Waan Maraaworra waan hantuu huju,worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'ewoliin hin gata.Nageenni Israa'eliif te'uu ti.