Faarfannaa124gaz_bib

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1Israaʼel akkana haa jedhu:Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,2utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,yommuu namoonni nutti kaʼanitti,3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;4lolaan nu liqimseedhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;5bishaan hamaannu fudhatee bada ture.
6Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuufdabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,nu isaan jalaa baaneerra;kiyyoon ni ciccite;nus jalaa baane.8Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,Uumaa samii fi lafa sanaa ti.