Kitaaba Faaru'uu124gax_twf

Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eega

Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu

1Mootiin Waan Maraanu woliin adoo jiraatuu dhabaatee,Israa'el,2«Yennaa diinoti keenna nu lolanu,Mootiin Waan Maraaadoo nu woliin jiraatuu dhabaatee,3yennaa aariin isaaniinu irratti bobeette san,silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu;4silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu;lolaan nu irra garagalaayyu;5silaa bisaan hamaannu irra yaa'aayyu» jettuu ti.6Ilkaan isaanii akka nu kukkutatuka nu hin lakkisin,Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.7Akka sinbirrootitiyyoo worra adansuu jalaa baatu,nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane;tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane.8Maqaa Mootii Waan Maraaol-gubba'aa fi lafa dadeen,nuuti qarqaarsa dhagganne.