Kitaaba Faaru'uu122gax_twf

Leellisa Yerusaalemii

Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu

1«Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!»yennaa isaan naan jedhaneani gammade.2Ee Yerusaalem, miilli keenna,karra teeti keessa dhaabbateera.3Yerusaalem qachaa wolitti hiiqeejabeeffamee ijaarameeru.4Akkuma ajaja Israa'eliif kennameetitti,achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf,gosi Mootii Waan Maraa ol bayan.5Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf,barcumaa mootumma'aa dhaabbatane.
6Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha'a:«Worri isii jaalatu milkowuu ti.7Dalleya isi'ii keessa nageenni,mana mootumma'aata isi'ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha'a.8Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif,«Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha.9Sababa mana Mootii Waan MaraaWaaqa keennaatiif,ani waan dansaa si'iif hin halcha.