Faarfannaa121gaz_bib

Faarfannaa Ol baʼuu.

1Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;gargaarsi koo eessaa dhufa?2Gargaarsi koo Waaqayyosamii fi lafa uume biraa dhufa.
3Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;kan si eegu hin mugu;4dhugumaan inni Israaʼelin eeguhin mugu; hin rafus.
5Waaqayyo si eega;Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;6guyyaa aduun si hin gubu;halkanis jiʼi si hin miidhu.
7Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;inni lubbuu kee ni eega;8Waaqayyo ammaa jalqabeehamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.