Kitaaba Faaru'uu121gax_twf

Ka Nu Eegu Waaqa

Faaruu Ittiin Ol bayanu

1Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?2Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade,Mootii Waan Maraa biraa dhufa.3Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;ka si eegu hin mugu.4Dhugumaan, ka Israa'el eeguhin mugu; hin rafulle'e.5Mootiin Waan Maraa si eega;Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti;inni midda keeti jira.6Guyyaa aduun,halkan jiin si hin miidhu.
7Mootiin Waan MaraaWaan hantuu mara irraa si eega;inni jiruu teeti hin eega.8Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keetiammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.