Kitaaba Faaru'uu
120
/
gax_twf
share
Share
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Ittiin ol bayanu
1
Rakkinna kiyya keessatti
ani gara Mootii Waan Maraa iyye;
innille deebii naaf kenne.
2
Ee Mootii Waan Maraa,
worra dhara dubbatuu fi
soba dubbatu jalaa na baasi.
3
Ee isin worra dhara dubbatu,
Waaqi maan isin godha laati?
Inni attam isin adaba laati?
4
Daaya loltootaa ka qara qabuun,
kashila ibiddaa
ka muka dhaddachaatiin isin adaba.
5
Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee,
dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e!
6
Worra nageya jibbu san odduu,
ani yennaa hedduu le'e.
7
Ani nama nageyaa ti;
yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo,
isaan lolaaf ka'an.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
chevron_right
Next Chapter