Faarfannaa12gaz_bib
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
1Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.2Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.3Waaqayyo afaan nama saadu hunda,arraba of tuulu hundas haa kukkutu;4isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona;hidhiin keenyas keenyuma;eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.5Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.6Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfameeyeroo torba qulqulleeffamee ti.7Yaa Waaqayyo ati nu eegda;dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.8Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamuttihamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.