Kitaaba Faaru'uu116gax_twf

Galata Nama Dhibamee Fayyee

1Mootiin Waan Maraaqoonqoo tiyyaa fi iyyata kiyya waan dhage'eef,ani isa jaaladha.2Inni waan naa dhage'uuf,ani bara jiruu tiyyaa mara isa waammadha.3Wodaroon du'aa natti maratte;rakkoon farri addee worri du'e jiruu na qabatte;farraa fi gaddaa keessa seene.4Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa,ani si daadimadhaa na baasi» jedheemaqaa Mootii Waan Maraa waammadhe.
5Mootiin Waan Maraa arja'a; balchaalle'e;Waaqi keenna marara'a.6Mootiin Waan Maraaworra gad ifi qabu hin eega;yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare.7Mootiin Waan Maraawaan dansaa waan si'iif godheef,ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi'i.8Ee Mootii Waan Maraa,lubbuu tiyya du'a irraa,ila tiyya imimmaan irraa,miila kiyya gufatiisa irraa hamburte.9Maarre ani Mootii Waan Maraa dura,lafa worra jiraata'aa keessa ideema.10Ani yennaa,«Ani guddoo rakkadheera» jedheeyyuu,dhugeeffannaa tiyya hin lakkinne.11Ani yennaa sodaadhe,«Nami addatamu tokkoolle hin jiru» jedhe.
12Waan dansaa inni naaf kenne maraaf,ani Mootii Waan Maraatiifmaan deebisee dande'a?13Mootiin Waan Maraa waan na fayyiseef,ani isa hin galateeffadha;kennansa daadhii woyni'ii isaaf hin dhikeessa.14Fuula kolbaa isaa mara duratti,ani waan waadaa galeMootii Waan Maraatiif hin muummessa.
15Duuti worra woyyootaa,Mootii Waan Maraa duratti ulfinna qaddi.16Ee Mootii Waan Maraa, ani tajaajilaa keeti;ani tajaajilaa keeti, ilma garbittii teetii ti;ati hidhaa tiyya keessaa na hiitteerta.17Ani ciincaa galataa si'iif hin dhikeessa;gara keetille hin daadimadha.18Ani fuula kolbaa isaa mara duratti,waan Mootii Waan Maraatiif waadaa galehin muummessa;19Tanalle badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessatti,Yerusaalem wodhakka'atti hin godha.Mootii Waan Maraa leellisa'a.