Kitaaba Faaru'uu
114
/
gax_twf
share
Share
Faaruu Yaadannoo Irra Dabaramaa
1
Yennaa Israa'el, sanyiin Yaaqoobii,
gosa afaan ormaa dubbattu,
biyya Gibxi'ii keessaa baate,
2
Yihudaan addee woyyittii Waaqaa,
Israa'elille bulchiisa isaa jala teete.
3
Abbaayaan dhaggitee baqatte;
lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi'e.
4
Gaaroti akka korbeeyyii hoole'ee,
koobotille akka ilmoolee hoole'ee burraaqane.
5
Ee abbaaya'a, ati maaf baqatte?
Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite?
6
Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole'ee,
ee koobota,
isin maaf akka ilmoolee hoole'ee burraaxxane?
7
Ee lafa, Goottaa duratti,
fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu!
8
Inni rassaa gara baleessaatitti,
rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
chevron_right
Next Chapter