Faarfannaa113gaz_bib

1Haalleluuyaa.Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa;maqaa Waaqayyoo jajadhaa.2Ammaa hamma bara baraattimaqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.3Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
4Waaqayyo saba hundaa ol jira;ulfinni isaas samiiwwanii ol.5Kan akka Waaqayyo Waaqa keenyaisa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?6Kan gad jedheesamii fi lafa ilaalu eenyu?
7Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;8inni bulchitoota gidduu,bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.9Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.Haalleluuyaa.