Kitaaba Faaru'uu
113
/
gax_twf
Waaqa Qarqaaraa Worra Hiyyeeyyi'ii
1
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a.
2
Ammaa jalqabee haga bara baraa,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
3
Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti,
maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
4
Mootiin Waan Maraa
gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a;
ulfinni isaa ol-gubbaa caala.
5
Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa,
Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u,
6
ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu?
7
Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa;
worra rakkataalle
tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha.
8
Inni qondaaltota woliin,
qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.
9
Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee,
gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter