Faarfannaa111gaz_bib

1Haalleluuyaa.Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti,garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
2Hojiin Waaqayyoo guddaa dha;warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.3Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha;qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.4Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera;Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.5Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna;kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
6Lafa saboota kaanii isaaniifkennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.7Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha;ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.8Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu;amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.9Inni saba isaatiif furii ergeera;kakuu isaas bara baraan ajajeera;maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.Galanni isaa bara baraan jiraata.