Kitaaba Faaru'uu110gax_twf

Mooticha Mootiin Waan Maraa File

1Mootiin Waan Maraa Goottaa kiyyaan,«Haga ani diinota keetiejjata miila keetii jala kewutti,ati midda kiyya tee'i» jedhe.
2Mootiin Waan MaraaXiyoon irraa ulee bokku'uuta jabeenna keetii si'iif hin erga;atille diinota keeti irratti mootii te'i!3Guyyaa ati diinota keeti loltu,kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan;dargaggooti teetille akka fixeensa dayya'a boru'uu,kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan.
4Mootiin Waan Maraa,«Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii,ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera;inni yaada ifii hin jijjiiratu.
5Mootiin Waan Maraa midda keeti jira;guyyaa mufii ifii mootota hin butucha.6Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura;reeffa isaan keessa hin guuta;bulchitoota lafaa duudiille hin butucha.7Mootichi madda karaa cina'aa keessaabisaan hin una;tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.