Kitaaba Faaru'uu11gax_twf

Waaqatti Addatiisa

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera.Isin attam anaan,«Akka simbirre'eegara gaara keetii baqadhu!» jettan?2Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera;dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf,daaya ifii itti qajeelfateera.3Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde,nami balchaan maan godhuu dande'a ree?4Mootiin Waan MaraaDunkaanii Woyyittii ifii keessa jira;ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba.Inni ilmaan namaa ilaala;ilti isaalle isaan qorqorti.5Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala;hamaaleyyi'ii fiworra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba.6Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irrattikashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa;qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a.7Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef,inni hujii balchootaa hin jaalata;worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga.