Faarfannaa104gaz_bib

1Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha;miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
2Ati akkuma wayyaa ifa uffatta;samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.3Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta.Duumessoota gaarii isaa godhata;qoochoo bubbee yaabbattee deema.4Inni ergamoota isaa hafuurota,tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.
5Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera;isheenis gonkumaa hin sochootu.6Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde;bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.7Ati ifannaan bishaanonni baqatan;sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.8Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan;gara iddoo ati isaanii qopheessitee,gara sululootaatti gad yaaʼan.9Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneefati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.
10Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota;isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.11Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu;harroonni diidaas dheebuu baʼu.12Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan;dameewwan gidduutti ni faarfatan.13Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta;laftis ija hojii keetiitiin quufti.14Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga,faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;15akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu,akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fiakka midhaan nama jajjabeessu ni goota.16Mukkeen Waaqayyoo,birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.17Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu;huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.18Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti;holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.
19Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha;biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.20Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa;bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.21Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada;nyaata isaas Waaqa bira barbaada.22Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu;dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.23Namni gara hojii isaatti,hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.
24Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha!Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette;laftis uumamawwan keetiin guutamte.25Galaanni guddaa fi balʼaan kun,uumamawwan hamma hin qabneen guutame;kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fixixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.26Dooniiwwan as irra deddeebiʼu;lewaataan kan akka inni achi keessataphatuuf ati uumtes achi jira.
27Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf,isaan hundi si eeggatu.28Yeroo ati isaaniif kennitutti,isaan walitti qabatu;yeroo ati harka kee balʼiftutti,isaan waan gaarii quufu.29Yeroo ati fuula kee dhokfattutti,isaan ni naʼu;yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti,isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.30Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu;atis fuula lafaa ni haaromsita.
31Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu;Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;32inni ilaallaan lafti hollatte;inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.
33Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha;hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaanWaaqa koo nan galateeffadha.34Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;ani Waaqayyotti nan gammadaatii.35Cubbamoonni lafa irraa haa badan;hamoonnis siʼachi hin jiraatin.Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi.Haalleluuyaa.