1Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fimarroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;ee Mootii Waan Maraafaaruu leellisaa sii hin faarsa.2Ani jiruu komii hin qanne le'a.Ati yoom gara kiyya dhutta?Ani mana kiyya keessakomii malee ideema.3Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu;ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba;isiin natti hin maxxantu.4Namooti yaada micciiramaa qabanuna irraa fagaatanuu ti;ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu.5Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu,hin balleessa;nama nama tuffatuu finama kooruuf ani hin ossadhu.6Akka isaan na woliin le'anuuf,ilti tiyya gara worra addatamaalafa tana keessa jiranuu hin ilaalti.Nami karaa komii hin qanne ideemuinni na hin tajaajila.7Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u;nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu.8Ani guyyuma guyya'aanworra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa;worra hantuu huju maraqachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.