Faarfannaa100gaz_bib

Faarfannaa Galataa.

1Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.2Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.3Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa;isattu nu uume; nu kan isaa ti;nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
4Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.5Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.