Kitaaba Faaru'uu100gax_twf

Leellisiisaaf Mootii Waan Maraa Waamuu

Faaruu Galataa

1Kolbaan lafa irraa marti,Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a.2Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a;gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a.
3Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a;ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.
4Galateeffataa gara karra isaa,leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a;isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a.5Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.