Faarfannaa1gaz_bib

1Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.2Garuu inni seera Waaqayyootti gammada;seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.3Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabameeyeroo isaatti ija isaa kennu,kan baalli isaas hin coollagnee ti;wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
4Hamoonni garuu akkana miti;isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.5Kanaafuu hamoonni murtii dura,yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
6Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii;karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.