Kitaaba Fakkeennaa6gax_twf

Gowwummaa Irraa Ifi Eeggatiisa

1Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete,marroo nama dhibi'iitiifharka wol dhowatiisaanwaadaa yoo galte,2woma dubbatteen tiyyoo yoo seente,jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante,3ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef,ifi baasiisaaf,gara nama sanii dhaqiitii,gad ifi qabi;akka inni wobummaa san si irraa buusuufisa gaafadhu.4Adoo tana hin godhin hin rafin;hirriibi ila teeti irra hin marin.5Akka gadansi worra adansu jalaa,sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu,atille ifi baasi.
6Ati namicha booseya,me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali;mala isaa ilaaliitii qaroo te'i.7Isaan sooressa,toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;8te'uu malee sagalee ifii ta bonaa,waan isaaniif barbaachisuyennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.9Ati namichi boosennihaga yoomii achi ratta?Ati yoom hirriibaa kaata?10Ati diqqoo adoo rattuu,diqqoo adoo mudduu,foorfatiisaafillediqqoo adoo harka wol irra naqattuu,11hiyyummaan akka saantu'uu,akka nama meya woraanaa hidhatee,sitti hin dhufa.12Nami gadhe'ee fi nami hamaan,ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu,13ka ilaan qiphifatu,ka miilaan beessisa kennu,ka qubaan akeeku,14ka gadhaa ifii keessattimala hamaa dhowu,yennaa mara lola kaasa.15Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a;yoosuma cabiisa hin fayyine caba.16Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu,torbeessoon ta inni dhiqatu jiran;17isaan kun ila tuffi'ii,arraba dharaa,harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu,18gadhaa waan hantuu yaadu,miila gara waan hantu'uu fiigu,19nama dharaan nama irratti dhugaa bayu,ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu.

Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa

20Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.21Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu;morma keetille'etti hidhadhu.22Isaan yennaa ati ideentusi sooressan;yennaa rattu si eegan;yennaa ati dammaxxusi'itti dubbatan.23Ajaji kun issa'a;barsiisi kunille ifa;qajeelfamaan sirreeffamiiskaraa jiru'uu ti.24Dubartii hantuu irraa,arraba lallaafaa dubartiigaarayyeeffatitti'ii irraa si eega.25Gadhaa keeti keessattidansummaa isi'ii hin halchin;ilti isi'ii si hin booji'in.26Gatiin dubartii sagaagaltitti'iihaga xaltaa daabbo'oo ti;dubartiin gaarayyeeffattuun ammoogatii jiruu teetii si kaffalchiitti.27Nami ibidda boba'atti qabatee,woyaan isaa adoo hin gubatinhafuu dandeettu hin jiraa?28Yookiin nami kashila irra ijjatee,miilli isaa adoo hin gubatinhafuu dande'u hin jiraa?29Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a;nami niitii namaa tuqeeadoo hin adabamin hafu hin jiru.30Hattichi yennaa beelote,beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate,nami isa hin tuffatu.31Yoo qabame ammoo,qabeenna inni qabu mara gaafattulle,dachaa torba godhee kaffalaa motii ree?32Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu;nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.33Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata;qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.34Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf,inni yennaa haluu bayumarartii hin qabu.35Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu;haga fedhe bacatulle,kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.