Fakkeenya4gaz_bib

Ogummaan Waan Hunda Caalti

1Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.2Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.3Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,4inni akkana jedhee na barsiise;“Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.5Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.6Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.7Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.8Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;isa hammadhu; innis si kabajaatii.9Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
10Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;barri jireenya keetiis ni baayʼataa.11Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;daandii qajeelaa irras sin buusa.12Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;yoo fiigdu illee ati hin gufattu.13Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.14Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabinyookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.15Irraa fagaadhu; irras hin deemin;irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.16Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.17Isaan buddeena hamminaa nyaatu;daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
18Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaakan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.19Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
20Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;dubbii kootiifis gurra kenni.21Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;garaa kee keessa ol kaaʼadhu;22inni warra isa argatuuf jireenya,dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.23Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;burqaan jireenyaa achii baʼaatii.24Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.25Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.26Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;karaan kee hundinuu haa jabaatu.27Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;miilla kee hammina irraa eeggadhu.