Kitaaba Fakkeennaa4gax_twf

Bu'aa Qarummaa Irraa Dhaggamu

1Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa'a;itti xiyyeeffadha'aatii,hubantii dhaggadha'a.2Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna;maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina'a.3Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa'aa,haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,4abbaan kiyya na barsiisee,«Jecha kiyya maragadhaa tokkochaan qabadhu;hin leetaa,ajaja kiyya eegadhu.5Qarummaa dhaggadhu;hubantii qabaadhu;jecha kiyya hin dedhinyookiin irraa hin deebi'in.6Qarummaan gollaa sii teetii,isii hin dedhin;si eeddiitii,isii jaaladhu.7Qarummaan waan mara caalti;tanaaf isii dhaggadhu.Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle,hubantii bitadhu.8Ulfinna isi'iif kenni;isiille ol si qaddi;isii hanqafadhu;isiille ulfinna si'iif hin kenniti.9Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame,mataa keeti irra hin keetti;kallacha dansaa si'iif hin kenniti» jedhe.10Ilma kiyya caqasi;barri le'ii teetii akka heddatu,jecha kiyya fudhadhu.11Ani karaa qarumma'aa si barsiiseera;daandii qajeelaa irrasi sooresseera.12Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu;yennaa rukkittulle hin gufattu.13Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu;gad hin lakkisin;jiruu teeti waan te'eef,midhassii eegadhu.14Daandii worra hama'aa hin hordofinyookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin.15Karaa san irraa fagaadhu;irraa deebi'iitii,karaa keeti deemi.16Isaan haga waan hantuu godhanuttidande'anee hin rafanu;haga nama dokonkorsanuttifoora hin qabanu.17Isaan sagalee hammeennaa nyaatan;daadhii woyni'iita hunnaan nama irratti ka'iisaa unan.18Daandiin balchoole'ee akka ifa barii ganamaa,ka haga orra'aatittiifaatuma ideemuu ti.19Daandiin worra hama'aa ammooakka dukkana dimmaa ti;isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu.20Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu;jecha kiyya midhassii caqasi.21Isaan ila teeti duraa hin gorin;gadhaa keeti keessatti qabadhu.22Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru'u;nafa isaanii maraaf fayyinna.23Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,waan mara caalaaqalbii teeti eegadhu.24Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi;dubbii malaamaltumma'aa irraahidhii teeti eegadhu.25Ilti teeti gara fuula duraaqajeelaa ilaaltuu ti;ifiin dura qofa ilaali.26Daandii miilli keeti irra deemu,wol qixxeeffadhu.Karaan keeti dansaa te'uu ti.27Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin;miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.