1Jechi kun jecha Aguurii ilma Yaaqee ti;nami kun Itii'elitti,Itii'elii fi Ukaalitti dubbate,2«Ani nama mara caalaa daafana'a;hubantii nami qabu ani hin qabu;3ani qarummaa tokkolle hin baranne;ani marroo Waaqa Woyyichaalle womaa hin beeku.4Ka gara ol-gubba'aa ol dhaqee gad deebi'ee dhufe eennu?Ka qilleensa harka ifiitiin wolitti qabe eennu?Ka bisaan woyaa ifiitiin mare eennu?Ka qaccee lafaa mara jabeessee dhaabe eennu?Maqaan isaa eennu? Maqaan ilma isaa eennu?Ati yoo beettu teete,natti himi!5«Jechi Waaqaa marti dhuga'a;inni worra gara isaa baqate maraaf wonte'e.6Jecha isaa irratti hin ede'in;yoo akkas hin te'in inni si xixa;dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe.7«Ee Mootii Waan Maraa,ani waan lama si kadhadha;adoo ani hin du'inwaan kana lamaan na hin dhooggatin.8Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi;sagalee guyyuma guyya'aan naa barbaachittu naaf kenni malee,durumma'aa fi hiyyummaalle naa hin kennin.9Yoo akkas hin te'in,ani quufee si hin mormadha;‹Mootiin Waan Maraa eennu inni?› si'iin hin jedha;yookiin hiyyoommadhee,hatee maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa keeti hin salphisa.10«Tajaajilaan akka si hin abaarre,atille akka hin rakkanne,marroo tajaajilaa tokkoogoottaa isaatitti isa hin hamatin.11Namooti abbaa ifii abaaranu,haadha ifiille ka hin saadanne jiran.12Worri qulluu ifi seyanee,ka battummaa ifiiirraa hin qulqulloomin hin jiran.13Worri ilaalcha kooraa qabanu,ka ila tuffi'iitiin nama ilaalanu,14hiyyeessa lafa irraa,rakkataa odduu ilmaan namaatiinyaatanee balleessiisaaf,worri ilkaan isaanii shallaagaa,a'oon isaaniille billowa te'e jiran.15«Ulaa'ulti ijoollee durraata, ‹Kenni! Kenni!›jedhaa iyyitu lama qaddi;‹Ijjumaa quufe› ka hin jennewaan saditti jira;ta arfeesso'oolle ijjumaa ‹Na geye›hin jettu:16isaanille, addee worri du'e jiru,gadaamessa maseena,lafa bisaan hin quunnee fiibidda ijjumaa, ‹Na geye› hin jenne.17«Nama abbaa ifiititti murguu fiajaja haadha ifiille tuffatu,harraaqessi gammoojji'ii ila isaaisa keessaa hin fuudha;rumichille isa hin nyaata.18«Wonni na baaseffachiisu sad yookiinafur ta hubatiisa hin dandeennetti jiraayyu;19isaanille, karaa risa'aa ka gubbaa irraa,karaa bofaa ka rassaa irraa,karaa hobolo'oo ka abbaayaa irraatii fikaraa dhiirtii fi dubartiin wol jaalatanu.20«Karaan dubartii gaarayyeeffattu'uu kana:Isiin nyaattee afaan ifii haxowattee,‹Ani womaa dokonkora hin hunye› jetti.21«Latti waan sadiiniin yookiin afuriin tachooti;dandeetteelle hin ba'attu;22isaanille, garbichi yennaa mootii te'e,gowwaan yennaa quufe,23dubartiin jibbatante yennaa dhirsa dhaggattee figarbittiin yennaa addee giittii ifii fudhate.24«Wonni didiqqoon afur,ka guddoo qaroo te'an biyya lafaa irra jiran:25mixaan hunna hin qabu,te'uu malee sagalee ifii bona wolitti qabata;26Osoleen hunnaa hin qaddu,te'uu malee odduu rassa'aatitti galti;27Awwaannisi mootii hin qabu,te'uu malee akka loltootaa seeraan ideema.28Qarcoon harkaan qabamuu dandeetti;te'uu malee mana mootumma'aa keessatti dhagganti.29«Wonni ideensa tolanu sad yookiin afurka arnya ulfinnaa qabanu jiran:30Neenqa bineensota mara keessaa jaba'aa,ka waan mara irraa duubatti hin deebine;31kormi lukku'uutii fikorbeessi re'e'ee ka bondhooranu,mootii loltoota ifiitiin marfamee ideemu.32«Gowwaa teetee, yoo ol ol ifi qadde,yookiin hantuu yoo yaadatte,afaan keeti qabadhu.33Akkuma aanan raasiis dhadhaa baasu,akkuma funnaan micciiriis dhiiga baasu,tuttuqanee nama aarsuun lola kaasa» jedhe.