Kitaaba Fakkeennaa28gax_twf

1Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata;nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata.2Kolbaan yennaa finqila kaatu,bulchitooti isi'ii hin heddatti;nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoomootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti.3Bulchaan hiyyeessa cunqursuakka bokkeya midhaan balleessuu ti.4Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa;worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma.5Nami hamaan haqa hin beeku;worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammooguutumaa guutu'utti haqa beekan.6Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa,hiyyeessa komii hin qanne woyya.7Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a;ka gadhitoo woliin jaalomu ammooabbaa ifii salphisa.8Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu,nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa.9Nama seeraaf hin ajajanne,daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa.10Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu,boolla ifumaa qote keessa hin bu'a;nami komii hin qanne ammoowaan dansaa hin dhaala.11Nami dureessi qaroo ifi seya;hiyyeessi hubantii qabu ammooqorqoree keessa isaa hin beeka.12Nami balchaan yennaa injifatu,martinuu hin gammadan;nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoonamooti hin dhokatan.13Nami cubbuu ifii dhoffatu,hin milkowu;nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoomarartii hin dhaggata.14Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatuka gammade;nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.15Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irrattiakka neenqa dhangaa dhowuuyookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti.16Bulchaan hubantii hin qanneakka malee nama cunqursa.Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoobara dheeraa hin le'a.17Nami nama ijjeese,haga du'utti baqataa hin le'a;nami tokkolle isa hin qarqaarin.18Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u;nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga.19Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata;nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega.20Nami addatamaan guddoo hin eebbifama;nami durumma'aaf ariifatu ammooadoo hin adabamin hin hafu.21Nama wol caalchisuun dansa'aa moti;garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedheedokonkora huja.22Nami donni duroomiisaaf ariifata;hiyyuun akka isa eegattu hin beeku.23Nama afaaniin nama kookkisu caalaa,ka balleessaa namatti himee nama xixuttidhuma irratti saadama.24Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee,«Kun dokonkoraa moti» jedhu,inni jaala nama woy balleessuu ti.25Nami joljolaan lola kakkaasa;nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoohin milkowa.26Nami ifitti addatu gowwa'a;nami qarumma'aan deddeebi'uammoo waan hantuu irra hin bu'u.27Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu;nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammooabaarsa hedduu fudhata.28Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu,kolbaan hin dhokatti;yennaa isaan badanu ammoobalchooti hin bacatti.